EENYUMMAA Gammachuu Magarsaa sabboonaa Oromoo fi antiroppoolojistii beekkaamaadha. Dr Gammachuun waa'ee seenaa fi aadaa Oromoo qoratee barruullee adda addaa fi kitaabota barreessuun rabsuu fi leenji kennuun beekkama. SEENAA ISAA Gammachuun kan dhalatee guddate magaalaa Dambi Doollootti . Dr Gammachuun sanyii abbaa bokkuu kan naannoo sanaa kan dhumaa kan ta'e Abbaa Bokkuu Ruudaa Kuraa irraa dhalate. Abbaan Bokkuu Ruudaa Kuraa sanyii Makkoo Biliirraa dhalata. Kanarraan kan ka'e Bokkuun sirna gadaa obboleessa Gammachuu isa angafatti kenname. Obboleessi Gammachuu beekkumsa aadaa Oromoo baayyee waan hin qabneef, Bokkuu kana dabarsee Dr Gammachuutti kenne. Kanarraan kan ka'e Dr Gammachuun bokkuun sirna gadaa na bira jira jedha, kana jechuun akka abbaa bokkuutti of ilaala. Abbaa bokkummaa isaatin Oromoo tajaajiluuf, qorannaa gurguddaa wa'ee Oromoorratti geggeessaa ture, ammas geggeessaa jira. DR Gammachuun bara
Dhugaa qofa irratti kan hundaa'e seenaa gootota oromoo hanga dandeenye barreesuun dhalootaaf ni gumaachina