EENYUMMAA Gammachuu Magarsaa sabboonaa Oromoo fi antiroppoolojistii beekkaamaadha. Dr Gammachuun waa'ee seenaa fi aadaa Oromoo qoratee barruullee adda addaa fi kitaabota barreessuun rabsuu fi leenji kennuun beekkama. SEENAA ISAA Gammachuun kan dhalatee guddate magaalaa Dambi Doollootti . Dr Gammachuun sanyii abbaa bokkuu kan naannoo sanaa kan dhumaa kan ta'e Abbaa Bokkuu Ruudaa Kuraa irraa dhalate. Abbaan Bokkuu Ruudaa Kuraa sanyii Makkoo Biliirraa dhalata. Kanarraan kan ka'e Bokkuun sirna gadaa obboleessa Gammachuu isa angafatti kenname. Obboleessi Gammachuu beekkumsa aadaa Oromoo baayyee waan hin qabneef, Bokkuu kana dabarsee Dr Gammachuutti kenne. Kanarraan kan ka'e Dr Gammachuun bokkuun sirna gadaa na bira jira jedha, kana jechuun akka abbaa bokkuutti of ilaala. Abbaa bokkummaa isaatin Oromoo tajaajiluuf, qorannaa gurguddaa wa'ee Oromoorratti geggeessaa ture, ammas geggeessaa jira. DR Gammachuun bara
EENYUMMAA ISAA Zarihuun Wadaajoo weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromoo beekkamaadha. Zarihuun wallee qabsoo adda addaa kufaatii sirna fiwudaalaa irraa kaasee hanga ammaatti sirbuun beekkama. SEENAA ISAA Zarihuun kan dhalatee Godina Wallagga Bahaa naannoo magaalaa Naqamteetti . Abbaansaa ijoollummaan kan irraa du'e Zarihuun, umurii ijoollummaasaa hedduu haadhasaa, akkoosaa lamaanii fi wasiilasaa biratti guddate. Yeroo sanas takka Gu'ii, yeroo biraa Gimbii, yeroo biraa ammoo Mandii jiraachaa ture. SIRBOOTA QABSOO ISAA Kufaatii sirna fiwudaalaa erga kufee booda, hawwisoon 'Koree Aadaa Bultii Biyya Wallaggaa' Naqamtetti hundeeffame. Sana keessa kan gale Zarihuun, yeroodhuma sana sirba qabsoo beekkamaa 'koottaa aramaa aramnaa' kan jedhu barreessee sirbe. Sirba kanas namoonni Finfinneerraa dhufanii waraabun raadiyoodhan gadi lakkisan. Oduma baayyee hin turin, Zarihuun sirba